(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 20, 2008) Ummatni Oromoo jaarraa tokkoo ol erga guyyaa mirga isaa sarbamee garbummaa jalatti kufee, haala adda addaan fincila diddaa garbummaa kaasaa; mirgaa fi ol aantummaa isaa deebifachuuf wareegama qaqqaalii baasaa tureera; baasaas jira; hamma kaayyoon kun galma ga'uttis itti fufa yaadanoon gootota dirree falmii irratti dhugaa Oromoo deebisuuf wareegamaniif guyyaan (jiini ) kun Ummata Oromoo biratti mararteen kabajamee, boruuf nama onnachiisee, waadaa haromsee darba.
Nutis, Barattootni Oromoo yuunivarsiitii fi Koollejjii Jimmaa guyyaa kabajamaa kana yommuu kabajnu seenaa Oromoo wal beeksisuun, gootota wareegaman yaadachuunii fi dhaaba Oromoof dirree waraanaatii diina hudhee qabaa jiru faarsuun hunduu ga'ee mataasaa ba'uun walabummaa Oromoo saffisiisuuf yeroo waadaa keenya itti haaromsinu ta'uu ni beeksifna.
Keessattuu yeroo ammaa diinni gara seenu wallaalee abbaa irrumaasaa kan durillee dimookirasii sobaan haguugee ture ifatti baassee yoo nu deeggartan malee jiraachuu , hojjechuu fi barachuu hin dandeessan, nu filattan malee ni sin fixna; miseensa keenya taatan malee .......jechuun siyaasa bututaa "reward and punishment "kan dhalli nama dhiisii bineensotni lagaa illee yeroo har'aa kana tole hin jenne adeemsisaa jira. Isatti fakkaatees barattootni barnoota ol aanaas siyaasa koo fudhatanii nu deeggara jiru jedhee abjuu haasa'a; abjuu guyyaa!!!!!
Nama barate hojii dhorkachuun, hojii irraa arii'uun fi biyyaa baasuun namoota ga'umsaa fi dandeettii hin qabneeen guddina ariifachiisaa fiduuf olola oofaa jira. kun kaayyoo isaati. Jaamaa Jaamaan harkisu dha; hiyyuma seenaa gochuu dha. Eeyyee kanuma muldhatu kana ,seenaa biyyaattii keessatti hiyyummaan akka yeroo ammaa kanaatti takkaa muldhatee hin beeku seenaa addaa kan haa galmeeffatan jarreen sammuu ilbiisaa. walummaagalatii haalawwan kanaafi kana fakkaatan irratti bal'inaan erga marii'annee booda Ibsa ejjannoo qabxii kanaa gadii baafanneerra.
1. QBO hamma galmaan ga'utti ni qabsoofna mirga qabsoon argannes ni tiksina.
2. Ummatni Oromoo martuu afaan fajjessa diinaa sirriitti hubatee dhaaba isaaf falmu ABO waliin akka hiriiru ni beeksifna. Farreen biyya alaa irraa gurmuu Oromoo laaffisuuf hojjetanis ni balaalleffanna!
3. Ariisa, reebichaa hidhaa fi hiraarsa akkasumas ajjeechaan mirga keenya falmachuu irraa yoomiyyu nu hin deebisu.
4. Lammiileen diinni sobee saba keessan irratti daba isini dalagsiisaa jiru dammaqxanii daandii qabsoo saba Oromoo duukaa akka buutan, afaan qawwee keessan gara diinaatti akka naannessitan, sabaa fi lammii keessanitti dhukaasuurraa akka of qusattan maqaa sabaa fi haadha keenya 'Oromiyaatiin "isinii dhaamna.
5. Karaa danda'ame maraan qabsoo oromoo walii ni dhhabbanna; gumaa gootota keenyaa ni baafna; aadaa fi seenaa oromoo ni tiksina; diinota Oromoo addaan baasuun ejjannoo barbaachisu afeerra!!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Barattoota Oromoo Yuunivasiitii fi Koollejjii Jimmaa.